- This event has passed.
Fayyadamtonni 8,889 ta’an gargaartamummaa irra gara oomishtummaatti ce’uun eebbiffamaniiru.
Magaalaa Bishooftuutti fayyadamtonni sagantaa wabii nyaata fi foyyaa’insa jireenya abbaa warraa 2,540 namoota 8,889 ta’an gargaartamummaa irra gara oomishtummaatti ce’uun eebbiffamaniiru.
Fayyadamtonni kunnen hojiiwwan qulqullina magaalaa, kunuunsa naannoo (Misooma Sululaa), bu’uuraalee misooma kannen akka mana fincaanii, daree dabalata kutaa 4 qabu, mana barumsa bilookii 8, fi kkf irratti hojjechuun misooma magaalicha keessatti gahe isaan bahaniiru.
Fayyadatonni harka duwwaa turan sagantaa wabii nyaataan hojjechuun aadaa qusannaa guddifatanii fayyadamumma isaanii kan mirkaneessa turan ta’u ibsuun aadaa hojjechu horataan kana ol jireenya isaan jijjiiruu taasisan bulchiinsi magaalaa isaan cinaa kan jiru ta’u Hojii Gaggeessa Mana Qopheessa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gabree Dhaabii dubbataniru.
Sagantaa kanan harka hojjetu qabane gargaarsa keessa ture gara oomishtummaatti akka ce’aan taasifama jiraachuu ibsuun bara kana akka naannoo Oromiyaatti fayyadamtoota 300,800 ol marsa 2ffaa’n eebbifamun gara oomishtummatti akka ce’an taasifamu Hogganaa I/A Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Injineer Ayyaala Kaffalaa himaniiru.
Fuulduratti eebbifamun ce’eu qofti gaha waan hin taanef cichoominaan jiruu isaanii jijjiiruun guddina biyyaaf gahee isaanii akka bahaatan Injineer Ayyaalan dhamaniru.
BMMMO “Magaalota jireenyaaf mijataa ta’an horaachuuf kan hojjetu”
Odeeffannoo dabalataaf:
Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/oudhb
Teeleegraamii: https://t.me/oudhb
Weebsaayitii: https://www.bmmo.gov.et/
E-mail: 