Fayyadamtonni 8,889 ta’an gargaartamummaa irra gara oomishtummaatti ce’uun eebbiffamaniiru.
Bishooftuu Bishooftuu, BishooftuuMagaalaa Bishooftuutti fayyadamtonni sagantaa wabii nyaata fi foyyaa'insa jireenya abbaa warraa 2,540 namoota 8,889 ta'an gargaartamummaa irra gara oomishtummaatti ce'uun eebbiffamaniiru. Fayyadamtonni kunnen hojiiwwan qulqullina magaalaa, kunuunsa naannoo (Misooma Sululaa), bu'uuraalee misooma kannen akka mana fincaanii, daree dabalata kutaa 4 qabu, mana barumsa bilookii 8, fi kkf irratti hojjechuun misooma magaalicha keessatti gahe isaan bahaniiru. […]