
November 16, 2024
Kabajamtuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Chaaltuu Saanii, Daarektarri Biyyaa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Biyyoota Sudaan Baankii Addunyaa fi waahillan ishee waliin ta’uun iddoo pirojektii misooma bishaan lafa jalaa fi qonna magaalaa daawwataniiru toora nageenyaa.
Daawwannaa kanarratti Kabajamtuu Aadde Chaaltuu Saaniin nageenya misooma magaalaa deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaa fi mootummaa Ityoophiyaa irraa argameen kan hundeeffame ta’uu ibsaniiru. Pirojektii bu’a qabeessa ta’ee fi magaalota biyyattii 88 fayyadamoo taasisuu fi caalaatti dubartoota hedduudhaaf carraa hojii kan uume ta’uu ibsaniiru.
Ministeerichi kutaalee biroo waliin ta’uun jiraattonni magaalotaa hiyyummaa jalaa bilisa baasuun akka of danda’anii fi namoota biroof carraa hojii uumuuf hojjechaa jiraachuus dabalanii Baankiin Addunyaa deeggarsa taasiseef galateeffataniiru.
Baankii Addunyaatti Daayreektarri Biyyaa Ityoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan Maariyaam Saalim pirojektiin kun piroojektoota Baankii Addunyaan deeggaramu 46 keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Misooma naannoo, dargaggoota, qaama miidhamtootaa fi kanneen kana fakkaatan yaada keessa galchuun hojjeta. Baankiin Addunyaa fi mootummaan Ityoophiyaas deeggarsa piroojektii kana itti fufu jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Atoo Alemayehu Asefaa akka ibsanitti, Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu fayyadamtoonni kuma 13 fi 700 toora nageenya misoomaa keessatti akka hammataman halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru yoo ta’u, isaan keessaa kanneen of danda’anii ba’an ni argamu.























